|
Qube Afaan Oromo Seera Barressu qube Dheeressu fi gabaabsu Jabeessu fi laaffisuu Hudhaa Qube cimdii Jalqaba sagalee Qube guddaa fi xiqqaa
1. Seera Qube Afaan Oromo 1.1. Qube Afaan Oromo Qube jechuun barumsa afaan Oromo keessatti mallattoo adda addaa yoo sagaleewwan barreessinu kan bakke tokko dhaabbatu jechu dha.
Jecha ( Ingl: word) jechuun immoo namnni tokko yeroo dubbatu yookaan barreessu namnni biraa dhagayee (dubbisee) yaada tokko kan ittiin qalbeefachuu danda'u jechu dha.
Afaan Oromo qube "Laatini" digdamii-ja fi qube "cimdii" shan itti fayyadama. Qube cimdii kan jennu quboota lama addaan ba'u kan hin dandeenye, sagalee biraa kennuu dhaaf akka qube tokkotitti kan lakkaawwamani dha.
Quboonni afaan Oromo akkaataa lamaan, jechuun qube guddaa fi qube xiqaa, dhan bareeffamu.
Qube guddaa: A B C D E F G H I J K L M N O P Q R S T U V W X Y Z
cimdii: Ch, Dh, Ny, Ph, Sh
Qube xiqqaa: a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z
cimdii: ch, dh, ny, ph, sh
Jara kana keessa, qubeen laatini sadi, jechuun P (p), V (v) fi Z (z) sagalee afaan Oromo isa qulqullu keessatti hin mul'atani.
1.2. Seera Barressa Sagalee Afaan Oromo Akkuma kanaa ol ilaalu dandeenyu, qubeen afaan Oromo bakka sadiitti hiramee ilaalamu danda'a.
a. Qube dubbachiiftuu (Ing: vowels) Qube dubbachiiftuu kan jedhaman:
A, E, I, O, U (qube gurguddaa)
a, e, i, o, u (qube xixiqqaa)
b. Qube dubbifamtuu (Ing: Consonants) Qube dubbifamtuun, quboota dubbachiftuu hin taane hundumaa dha.
Fkf: B C D F .......
c. Qube cimdii (double consonants) --- akka kanaa ol caqasame 1.2.1. Seera dheerinaa fi gabaabbina qube dubbachiftu Afaan Oromo kessatti sagaloota dheeressu fi gabaabsuf qube dubbachiftutti fayyadamna. Yeroo qube dubbachiiftun tokko lama taate walitti dhaantee katabamtu, dubbachiiftun suni dheertu taati. Yoo dubbachiiftun suni tokko duwwa tate garuu, sagalee sana keessatti dubbachiiftun suni gababa tatee dubbifatmti.
Fkf: Dheeraa: baaduu, laafaa, baala, gaadii, gaara
Gababaa: badu, lafa, balbala, gadi, gara.
1.2.2. Seera jabeenyaa fi laafina sagalee Afaan Oromo keessatti sagalee tokko jabeessu fi laaffisu kan danda'amu qube dubbifamaa itti fayyadamu dhaani. Sagalee tokko jabeessuf qube dubbifamaa tokko naqa lama wallitti dhaansine katabna.
Fkf: Laafaa: bobaa, lolu, hatu, dhowe
Jabaa: bobba, lollu, hattu, dhowwe
1.2.3. Hudhaa ( ' ) Sagalee afaan Oromo keessatti dubbachiiftuun lamaa ol walitti aananii hin barreeffamani. Haata'u malee garuu, bakkee afuurri cite dubbifamaan hafutti ykn bakkee dubbifamaan hin jirretti dubbachiiftuun lamaa ol yoo walitti aananii dhufan, bakkee kanatti hudhaa ( ' ) galchuun barreessama.
Fkf:
Bakkee afuurri cite dubbifamaan hafu: ta'uu (dubbachiiftuu 3)
taa'uu (dubbachiiftuu 4)
Bakkee dubbifamaan hin jirre: oo'u (dubbachiiftuu 3)
bu'uu (dubbachiiftuu 3)
danda'uu (dubbachiiftuu 3)
ka'uu (dubbachiiftuu 3)
kaa'uu (dubbachiiftuu 4)
Jalqaba
1.2.4. Qube Cimdii Sagalee Afaan Oromo keessatti quboonni cimdii lama walitti aananii hin bareeffaman. Jabeenyi fi laafinni quboota kanaa haasawa keessatti beekkamu.
Fkf.
Jabaa Laafaa Mudhii Hidhii Dachaa Kophee Dachii Riphuu Funyaan
1.2.5. Seera jalqaba sagalee Afaan Oromo keessatti jalqabni sagalee tokkoo dubbifamaa lamaan hin bareefamu.
Fkf. ddaddaba, ccaba, ffoon, kkf sirri miti.
1.2.6. Seera barreessa Qube guddaa fi Qube xiqqaa Afaan Oromo kessatti
- jalqabni sagalee: maqaa namaa, maqaa ummattaa, maqaa biyyaa, maqaa lafaa, maqaa baatii, maqaa guyyaa fi akkasumas
- Jalqabni dhaabii dubbii - kan tuqa (.) booddee dhufu hundumtuu qube guddaadhaan bareefamu.
Kan kana irraa hafan hunduu qube xiqaa dhaan bareefamu.
Fkf
1. Maqaa namaa: - Gammachu, Hirkoosa, Abdata, Caaltu k.k.f.
2. Maqaa ummattaa: - Booranaa , Karrayuu, Meecca k.k.f.
3. Maqaa biyyaa: - Oromiya, Angoola, Amerika, Jarman k.k.f.
4. Maqaa lafaa:
a) maqaa tuluu: - Baattuu, Gaaraa Mul'ataa, Cilaaloo k.k.f.
b) maqaa lagaa: - Haawaash, Gannaalee, Gibee, Dhidheessa k.k.f.
c) maqaa magaalaa: - Adaamaa, Bushooftuu, Finfinnee, Ambo, Dirre Dawwa k.k.f.
d) maqaa gandaa: - Guduru, Jiddaa, Hoolota, Salaalee k.k.f.
5. Maqaa baatii (ji'a)
1. Amajjii (January)
2. Guraandhala (Feb)
3. Bitootessa (March)
4. Caamsaa (April)
5. Ebla (May)
6. Waxabajjii (June)
7. Adoolessa (July)
8. Hagayya (Aug)
9. Birraa (Serpt.)
10. Onkoloolessa (Oct.)
11. Sadaasa (Nov)
12. Arfaasaa /Afraasaa (Dec.)
6. Maqaa guyyaa (maqaa guyyaa torbanii):
1. Wixata (Dafinoo, Hojjaduree, Isinina)
2. Kibxata (Facaasaa, Lammaffo, Balloo, Salaasa)
3. Roobii (Arbii)
4. Kamisa
5. Jimaata
6. Sambata (Sambat'xinaa, Sambataduraa, Sabtii)
7. Dilbata (Sambata-guddaa, Aalaada)
Jalqaba
Seera Dubbii Ibsa dubbi Dhaaba dubbii Kutaa dubbii Dubbii gargaaraa Kutama dubbii 2. Dubbii (Ing. Sentence) 2.1. Ibssa Dubbii Dubbii jechuun yeroo tokko keessatti namni tokko akka waan tokko godhu yookaan wanni tokko akka godhamuu fi akka maal ta'u kan nutti himu walitti qabama jechootati. Walitti qabamni jechoota (dubbin) kunis hiika kan qabaatu ta'ee dubbisaa fi dhagayaa dhaaf rakko malee qajeelootti kan galu ta'uutu isa irra jira.
Fkf. Wallistun booru dhufa. Caaltun dhufaa jirtti. Bartuun suni kitaaba diima qaba
2.2. Dhaaba Dubbii Dubbiin walitti qabama jechoota haata'u malee, jechootni kun garuu hiika qajeelaa kennuu dhaaf bakke qajeelaa qabatanii argamuutu isaan irra jira.
Fkf: Wallistun booru dhufa.
Booru Wallistun dhufa.
Dhufa Wallistun booru.
Fakkeenya kana keessa dubbii lammaffaa yoo laalle, akka jiru kanattii dubbatamuu akka danda'uu fi hiika qajeelaas akka qabu dha. Dubbiin sadaffaa akka jiru kanatti hiika qabaachuu danda'uus, afaan Oromo keessatti garuu akkanatti dubbatamuu hin danda'u. As irratti wanni yaaduu dandeenyu, jechi kan wanna godhamu yookaan hojjetamuu fi waan ta'u kan agarsiisu (Ing: verb) sun dhaabii dubbii keessatti gara jalqabaarratti akka hin galle dha.
2.3. Kutaa Dubbii Dubbiin tokko kutaa sadii, jechuun gootuu, godhamtuu fi gochaa san agarsiiftuu (gara fulduraatitti "goosii" jenaan), qabaachuu danda'us yeroo hundumaa kutaa sadeen kanaan turuu hin danda'u. Dubbiin tokko tokko kan godhamtuu hin qabne yookaan hin mul'ifne jiru. Kanaaf dubbii kutaa saditti otuu hin ta'in kutaa lamatti baafnee laaluun baayee barbaachisaa dha. Kutaa tokkofaan nama tokko, wanna tokko yookaan bakke tokko kan dhaabii dubbii tokko keessatti waayee tokko jedhamuufi dha (afaan Engliziitiin "subject" jedhama). Kuniis sagalee tokko yookaaniis sagaloota baayee ta'u nidanda'u. Kutaa lammafaani ammoo wanna tokko dhaabii dubbii tokko keessatti waan kutaa tokkofaan godhu yookaan ta'u kan ibsu (Ing: "predicate"). Kutaan kun goosii fi godhamtuu walitti qaba jechaa dha.
Fkf. Ijooleen nitaphatu.
Ijooleen karaa irratti taphatu.
Abaaboon kun urgooftuu dha.
Ijooleen ganda kanaa karaa irratti taphatu.
Jimmaan magaala bareedu dha.
Fakkeenya kana keessa ijoolee, Jimmaa, fi abaaboon kun kutaa tokkofaa (sabjektti) dha. Kan hafan garuu kutaa lammafaa (predikaatii) dha. Amma erga baranne booda gara funduraatitti kutaa dubbii kana "sabjektti" fi "predikaatii" yoo jennee dubbanne rakko fida miti.
2.4. Dubbii Garagaraa Barnoota afaanii keessati dubbiin gara gurguddaa afuritti hirama.
1. Dubbii himsaa
Dubbiin kun wanna godhamu, hojjetamu fi ta'u kan agarsiisu jechaa dha. Dubbiin kun dubbii "ganuu" fi "eeyinaa" ta'u nidanda'a. Fkf. Gammadaan nama gaarii dha. (eeyina) Adureen hantuuta qabde. (eeyina) Inni boru hin dhufu. (ganuu) Ishiin bareedu miti. (ganuu)
2. Dubbii gaaffii
Dubbii gaaffii jechuun dubbii kan gaafii agarsiisu jechaa dha
Fkf. Afaan Oromo dandeesa? Yoom dhufta? Eenyu inni?
3. Dubbii ajaja yookaan gorsaa. Fkf. Jabaadhu! Afaan Oromo baradhu! Biyya keetiif hojjedhu!
4. Dubbii raajii
Dubbiin kun jechaa jajuu, rifachuu fi kan kana fakaatu kan agarsiisu dha. Fkf. Bareeduu intallaa! Maal aboo gamachisaa dha! Baddanii badaa!
Haata'u malee dubbii akka xineenya, guddinaa fi ulfina isaatitti yookaan akka baayyina kutaa isaatitti (predikaatii) gara saditti hiruus nidandeenya.
1. Dubbii xiqaa (gabaabaa) Dubbiin kun yookaan dubbii xiqaa (gabaabaa) kan jennu dubbii predikaatii tokko kophaa qabu. Fkf. Ijooleen nitaphatu. Ijooleen karaarra deemu. Ijooleen ganda kanaa karaa mana barumsaa deeman.
2. Dubbii guddaa (dheeraa) Dubbii guddaa (dheeraa) kan jennu dubbii lama yookaan dubbii lamaa oli sagaloota biraatiin walitti finee akka dubbii tokko goonee yoo dubbanu yokaaniis bareessinu jechaa dha. Sagaloonni walittifidduun kun fakkeenyaaf kan akka "garuu", "haata'u malee" fi kan kana fakkaatani
Fkf. Gammadaan deemee ture. Gammadaan deebi'uu hin dhiisu.
Dubbiin kun lamaan dubbii garagaraa ti. Dubbii kana lamaan walitti finee dubbi tokko yoo goone "dubbii guddaa" ta'a.
Fkf. Gammadaan deemee ture, garuu deebi'uu hin dhiisu. Gammadaan deemee ture, haata'u malee deebi'uu hin dhiisu.
3. Dubbii ulfaataa Dubbii ulfaataa kan jennu moo dubbii predikaatii lama yookaan lamaa ol qabu dha. Dubbiin kun dubbii of hin dandeenye (kutamadubbii) fi dubbii ofdanda'aa ofkeesaa qaba.
Fkf. a) Ani ishii harra argeen ture. (dubbii of danda'aa)
b) Ishii kan kaleesa dhuftee turte, (dubbii of hin dandeenye, kutamadubbii) c) Ishiin afaan Oromo sirriitti dubbatti. (dubbii of danda'aa) Dubbii kana sadeen walitti finee dubbii tokko yoo dhaabne, dubbii kanaan dubbii ulfaataa jenaani.
Fkf. Ani ishii, kan kaleesa dhuftee turte, kan afaan Oromo sirriitti dubbatu san, harr'a argeen ture. (dubbii ulfaataa)
2.5. Kutama dubbii (Ing. Subbordinate clause) Kutama dubbii (dubbii of hin dandeenye) kan jennu dubbii waan tokko akka godhamu yookaan akka ta'u sirriitti qajeelchee nutti himuu kan hin dandeenye jechaa dha. Dubbiin kun goosii ofkeesaa qabaachuu yoo danda'es akka dhaabii isaatitti hiika guutuu kennuu kan hin dandeenye dha. Akkana jechuun dubbii kana keessatti wanni tokko godhamuu fi ta'uun isaa mullatus wanni sun godhamee yookaan ta'e akka hin argamin hubanna jechuu dha.
Fkf. Ishiin Caaltuu jedhamti. (dubbii of danda'aa) Ishiin bareedun sun,...(dubbii of hin dandeenye) Ishiin kan afaan Oromo sirriitti dubbatu sun,... (dubbii of hin dandeenye)
Dubbii of hin dandeenye (kutamadubbii) fi dubbii of danda'aa walitti finee dubbii tokko yoo goone, dubbiin dhaabbatu sun dubbii ulfaataa ta'a jechaa dha.
Fkf. Ishiin, kan afaan Oromo sirriitti dubbatu bareeduun sun, Caaltuu jedhamtti. (dubbii ulfaataa)
Fakkeenya gara biraa kutamadubbiidhaaf: Inni kan barsiisu sun,..... Otuu akka nubarbaanu ta'e,.... Yoo yeroo qabaate,.... Yoo boru kan dhuftu ta'e,... fi k.k.f
Fkf. Ani sin eega. (dubbii ofdanda'aa) Yoo daftee kan deebitu ta'e,....(kutamadubbii) Yoo daftee kan deebitu ta'e, sin eega. Ani sin eega, yoo daftee kan deebitu ta'e. Dubbiin lamaan gara dhumarraa dhaabii dubbii ulfaataa ti. Hiikasaa yoo laale wulii agarsiisa. Waayee wulii gara funduraatitti laala.
Jalqaba
Hirmaata Haasawa Maqaa Bakka maqaa Maqaa mul'iftuu Goosii Dabalgoosii Naanoo Walittifidduu Raajii 3. Hirmaata Haasawa (Ing. Grammer) Barnoota afaanii keessatti hirmaata haasawaa gara saddeetitti hirama. Isaaniis akka kanaa gadii ti:
Maqaa (N)Bakka maqaa (Pron)Maqaa mul'iftuu (Adj.)Goosii (V)Dabalgoosii (Adv.)Naanoo (Prep)Walittifidduu (Conj.)Raajii (Exc.) Maqaan jecha nuti namaaf, bakkeef, yaadaaf, gochaaf kkf.kenninu dha.
Fkf. Caala, Finfinne, Tullu Cilaalo fi kkf.
Bakkamaqaani immoo akkuma jedhamni isaa agarsiisu, jecha kan nuti dhaabii dubbii keessatti bakke maqaa galchinu dha.
Fkf. Caalan Caaltu wajjin jira.
Inni ishee wajjin jira.
Fakkeenya kana keessatti Caala fi Caaltuun maqaa dha. Inni fi isheen bakkee jara kanaa wanna dhaabbataniif isaan immoo bakkamaqootadha.
Maqamul'iftuu kan jennu jecha dhaabii dubbii keessatti maqaatti dabalamee hiika isaa kan ibsu dha.
Fkf. Intalli xiqqoon sun bareeddu dha. Gurbaa dheeraan kun afaan Oromoo dubbata.
Fakkeenya kana keessa "xiqqoo" fi "dheeraa"n maqamul'iftoota. Intalli fi gurbaan sun nama akkamii akka ta'aan hiika isaanii ibsu.
Goosiin jecha waan tokko akka godhamu, godhame, ta'u fi ta'e yookaaniis akka namni tokko waan tokko godhu kan nutti himu.
Fkf. deemu, hojjechu, argu, dubbisu, nyaachu fi kkf.
Dabalgoosiini immoo akkuma maqaan isaa ibsu, jecha kan hiika goosii, hiika maqamul'iftuu fi akkasumas hiika jechoota biraa agarsiisuudhaaf galani dha.
Fkf. Inni afaan Oromoo gaaritti dubbata. Isheen intala heddu bareeddu dha.
Fakkeenya kana keessa "gaaritti" fi " heddu"n dabalgoosota.
Naanoo kan jennuu jecha kan jechoota biraatti naana'ee yookaan maxxanee dhaabii dubbii keessatti walittifirooma isaanii kan agarsiisu.
Fkf. Badhaasan gara Finfinee deeme. Inni biyya alaatti barate.
Fakkeenya kana keessa "gara" fi "-tii"n naanoota.
Walittifiduun jecha kan jechoota biraa, kutamadubbii akkasumas dubbii garagaraa walitti fidu dha.
Fkf. Atii fi ani wajjin jiraanna.
Inni gara Finfinee deeme, garuu iftaan deebi'uun isa hin oolu.
Isheen biyya alaa jirti, haata'u malee dhufuun ishee hin haafu.
Fakkeenya kana keessatti "fi", "garuu" fi "haata'u malee"n walittifiddota.
Raajii kan jennu jecha nuti waan tokko waan nutti dhagayame san gammaduu yookaaniis rifachuu fi kkf. kan ittin beeksifnnu jechaa dha.
Fkf.. Ishoo! Maaloo...! Dhiisiboo...! fi kkf
Jalqaba
3.1. Maqaa 3.1.1. Maqaa Garagaraa Maqaa jechuun waan namni ittiin waamamu, jedhamu yookaan wanna nuy namaaf, bakkeef, yaadaaf, gochaaaf fi kan kana fakkaatuuf kenninu dha.
Maqa akka hiikasaatitti bakkee shanitti hiruu nidandeenya
1. Maqaa waamsaa
2. Maqaa hundagayii
3. Maqaa walittiqabamaa
4. Maqaa mi'aa
5. Maqaa kan warra hin qabamnee
Maqaa Waamsaa Maqaa waamsaa kan jennu maqaa namaa yookaan maqaa waan beekkamaa tokkoo kan akka biyya, gaaraa, lagaa fi kan kana fakkaatan dha.
Fakk. Jimmaan magaala bareedu dha.
Gibeen laga guddaa dha.
Badhaasaan barataa dha.
Cilaaloon gaara guddaa dha.
Maqaa Hundagayii Maqaa hundagayiin maqaa nuy namoota sanyiin isaanii tokko ta'e yookaan kan firooma waliraa qaban akkasumas wanna gara biraa bifaa fi jireenyaan kan walfakkaatan hundaaf kan kenninu dha.
Fakk. Faranjii, Oromoo, Guraagee, Loon, Habaaboo, Mana fi k.k.f.
Maqaa Walittiqabamaa Maqaa walittiqabamaa kan jedhamu maqaa walgayii namaa fi walgayii waan biraa bakke tokkotti laalamuu dha. Asirratti walgayii yoo jennu yeroo tokko keessa kophaa walitti dhufamee kan bakke tokko taa'u otuu hin ta'in, jireenyumti isaatuu walgayii kan ta'e jechaa dha.
Fakk. Horii, Saba, Polisii fi k.k.f.
3.1.1.4. Maqaa Mi'aa
Maqaa mi'aa kan jennu maqaa mi'a garagaraa ti. Miini kan namni waan tokko
ittin hojjetu yookaan waan biraa irraa hojechuu kan danda'u dha.
Fakk. Bishaan
Aannan
Foon
Kafana fi k.k.f.
3.1.1.5. Maqaa Warra hin Qabamnee
Warrii hin qabamne kan jennu warra ta'asaanii yookaan gochaa- fi
godhamasaanii kan arguu dandeenyu, garuu isaan harka keenyaan qabu kan hin
dandeenye dha. Maqaa isaanii kennamuun maqaa warra hin qabamnee jenaan.
Maqoonni akkanaa kun hirmaata dubbii keessatti bakkee guddaa qabu. Maqoota
kana sagaloota biraarraayis uumuu nidandeenya.
Fakk. adii addeenya
hamaa hameenya
jabaa jabeenya
fago fageenya
dheeraa dheerina fi k.k.f
3.1.2. Uumama Maqaa
3.1.2.1. Waayee dhalchaa fi dhaltuu (saalaa)
Maqaan akkatti uumamu otuu hin ibsin, duraan dursinee wanna tokko hubachuun,
barnoota kanaaf baayee nugargaara. Ilmaan namota yookaan wanni biraa kan
lubbu qabaatanii jiraatan akka lamatti jiraachuu danda'an. Kuniis akka
dhalchaa yookaan akka dhaltuu ti. Ilmaan namootaatiin garuu "dhiiraa" fi
"dubartii" yoo jennu warra kaaniin kormaa fi dhaltuu jechuus nidandeenya.
Warra kanaraa hafan afaan Oromoo keessatti akka dhalchaa yookaan akka dhaltuu
goonee dubbachuu nidandeenya.
Fakk. Badhaasaan dhufe. (dhiira)
Caaltuun mana jirtti. (dubartii)
Leencii nibookkisa (dhalchaa)
Aduun ba'e. (akka dhalchaa)
Aduun baate. (akka dhaltuu)
Fakkeenya kana keessa dubbii lamaan gara dhumarraa kana yoo laale, akkuma
kanaa olitti ibssametti "aduu" akka lachittuu laaluu akka dandeenyu dha.
3.1.2.2. Uumama Maqaa Maqamul'iftuu
Maqaa warra hin qabamnee maqamul'iftu irratti "-eenya", "-ina", "-ummaa",
"-uma" yookaan "-ooma" dabalee uumuu nidandeenya.
Fakk. maqamul'iftuu maqaa warra hin qabamnee
adii addeenya
fago fageenya
hamaa hammeenya
dheeraa dheerina
bayeessa bayeesummaa
walaala walaaluma
gamna gamnuma fi k.k.f.
3.1.2.3. Uumama Maqaa Goosii fi Maqaarraa
Maqaan warra hin qabamnee goosi irraa akkaataa garagaraatitti
uumamuu nidanda'a. Akkaataa garagaraa kana keessaa akkaataa beekkamaan uumama
dhalchaa fi dhaltuu ti.
Fakk. 1. akkaataa uumama dhalchaa fi dhaltuu
goosii dhalchaa dhaltuu
arg- agarsiisaa agarsiiftuu
ibs- ibsaa ibsituu
mul'is- mul'isaa mul'iftuu fi k.k.f.
As irratti wanni qalbeefachuu nubarbaachisu maqoonni asitti kennaman kun akka
hojjaa isaan agarsiisanitti namaafiis dhaabbachuu yoo danda'anis akka maqaa
warra hin qabamnee ti.
2. akkaataa biraa
goosii maqaa kan warra hinqabamnee
deem- deemsa
abaar- abaarsa
ijaar- ijaarsa fi k.k.f.
3. uumama maqaa warra hin qabamnee maqaa hundagayii irraa
maqaa hundagayii maqaa warra hin qabamnee
Oromoo Oromummaa
Ijoolee Ijoolummaa fi k.k.f
3.1.3. Lakkoofsa Maqaa
Maqaa lakkaawamu kan jennu maqaa waan tokkoo kan tokko, lama, yookaan baayee
dha jennee meeqa akka ta'e agarsiisuudhaaf kan dubbanu jechaa dha. Haata'u
malee maqaa lakkaawamu tokko, lama, kudhan jenne yeroo hundaa akka baayina
isaatitti otuu hin ta'in barnoota afaanii keessatti gara gurguddaa lamatti
hirra. Isaan lamaan kun - tokkee fi
- baayee dha.
Afaan Oromoo keessatti maqaa baayee lakkaawamaan maqaa tokkeerraa akka kanaa
gadiititti uumama.
1. dhuma maqaa tokkeerra dubbachiiftuu gatanii bakkee kanatt "-ota" yookaan
"-oota" daabalanii kan uumaman
Fakk. tokkee baayee
hoolaa hoolota
harree haroota
nama namoota
saree saroota fi k.k.f.
Haata'u malee seerii kun yeroo hundaa maqaa hundumaafuu hin hojjeta jechuu
hin dandeenyu.
Fakk. obboleessa obbolaa (obboloota)
dargaggeessa dargaggoota (dargaggoo)
2. akkasumas "-olii" yookaan "-olee" tokkeetti dabalanii kan uumamanis jiru
Fakk. ilmoo ilmoolee
gooftaa gooftolee (gooftolii)
Afaan Oromoo keessatti seerii uumama maqaa baayee seera kana lamaan kophaa
miti. Akaataan biraatiis jiraachuu hin danda'a.
Fakk. korma korommii
sa'a saawaa fi k.k.f.
Maqaa hin lakkaawamne kan jennu moo maqoota baayina isaanii ammam amma ta'an
lakkoofsaan tokko, lama, yookaan dhibba jenne agarsiisu kan hin dandeenye
dha.
Fakk. Bishaan
Aannan
Okaa
maqaa warra hin qabamnee fi k.k.f
3.1.4. Hojjaa Maqaa
Maqaan dhaabii dubbii keessatti bakkee garagaraa qabaachuu yookaan hojjaa
garagaraa agarsiisu nidanda'a.
1. Maqaa akka gootuutitti (sabjektti)
Fakk. Badhaasaan gara Finfinee deeme.
Cilaaloon gaara guddaa dha.
Manni isaani bareedaa dha.
Horrin bobba'ani jiru.
Bishaan malee namni hin jiraatu.
Hammeenyi gaarii miti.
Fakkeenya kana keessatti maqoonni kun gochaa yookaan ta'umsa waan tokkoo
agarsiisun. Isaan sabjekti dhaabii dubbii ti jechaa dha.
2. Maqaa akka godhamtuutitti
Fakk. Ani Badhaasaa wajjinan ture.
Inni gaara Cilaaloo arguu barbaada.
Ishiin mana gaarii qabdi.
Gurbaan horii bobaase.
Gaali bishaan baayee dhuga.
Nuy hammeenya hin jaalannu.
3. Maqaa akka maqamul'iftuutitti galee qabeenya kan agarsiisu
Fakk. mana - nama mana namaa
qaawwa - balbala qaawwa balbalaa
ilma - nama ilma namaa
kottee - bineensa kottee bineensaa fi k.k.f.
Qabeenya jechuun fakkeenyaaf mana namaa, qaawwa balbalaa yookaan kottee
bineensaa yoo jennu manni kan namaa, qaawwi kan balbalaa fi kotteen kan
bineensaa ta'uun isaanii waan beekkamuuf jechaa dha.
Gaafii eenyu tu kan eenyu ti? maal tu kan maalii ti? yookaanis maal tu kan
eenyu ti? kan jedhuuf deebisa kenna.
Fakk. 1) Inni mana namaa baleese.
2) Mana namaa guddaarra kan ofii xiqaa wayya
Dubbii kana laman yoo laale "mana namaa" dhaabii dubbii duraa keessatti akka
godhamtuu kan lammata keessatti akka gootuu (sabjektti) ta'u isaa nihubanna.
Hiikasaa qajeelootti ibsuudhaaf, dubbii lammaffaa akkaataa biraatiinis
bareesuu nidandeenya.
Fakk. 3) Mana namaa guddaa irra kan ofii xiqaa tu gaarii dha.
Asirratti "mana namaa" yoo jennu namni qabaa yookaan abboomaa, manni moo
qabamaa ta'u isaanii hubbachuu nidandeenya. Afaan Oromoo keessatti maqaa
qabaan isa qabamaa booda dhufa.
mana namaa
(qabamaa) (qabaa, abboomaa)
Akka kanaa olitti laalametti "mana namaa" dhaabii dubbii sadeen keessatti
otuu of hin jijjirin gale. Gootuu yookaan godhamtuu ta'usaa beekuu kan
dandeenyu hiika dubbii kana irraa dha. Haata'u malee maqoonni akka gootuu
yookaan godhamtuu ta'anii dhaabii dubbii keessatti galan, maal akka ta'an
beekuu kan dandeenyu jijjirama yookaan uumama isaani irra dha. Seera
jijjirama yookaan uumama akkanaa kanaa armaan gaditti laala.
3.1.4.1. Maqaa akka Gootuu
Gootuun dhaabii dubbii keessatti eenyu yookaan maaltu maal akka godhu fi akka
ta'u nutti hima. Kanaaf maqoonni akka gootuu ta'ani yoo galan akka seera
kanaa gadiititti jijjiramu.
1. maqoota kan dhuma isaanititti "-n" dabalanii jijjiraman
Fakk. saree sareen
bultii bultiin
garbuu garbuun
Finfinee Finfineen
ijoolee ijooleen
Badhaasaa Badhaasaan fi k.k.f.
2. maqoonni tokko tokko dubbachiiftuu dhumarraa gatani "-ni"
fudhatan
Fakk. lafa lafni
mana manni
nama namni
muka mukni
quba qubni fi k.k.f.
3. maqoonni tokko tokko ammoo dhumasaanii jijjirani kan "-ti"
fudhatus jiru
Fakk. haadha haati
fuudha fuuti fi k.k.f
4. Maqoonni dhumarraa dubbachiiftuu gatani bakkee kanatti "-i" kan
fudhatan
Fakk. harka harki
ilma ilmii
harma harmi
adda addi fi k.k.f.
5. maqoonni dhumnisaanii "-n" ta'an otuu hin jijjiramin akkuma
jiranitti galu
Fakk. bishaan
ilkaan
funyaan
afaan fi k.k.f.
Seera kan kanaa olitti kennaman walittiqabnee ibsuudhaaf-
Maqoonni yoo akka gootuutitti dhaabii dubbii keessatti galan dhumasaanirratti
-n, -ni, -ti, -i fudhatu. Dhumnisaanii -n
yoo ta'e ammoo akkuma jiranitti galan jechaa dha.
6. seera gara biraa
a. Maqamul'iftuun yoo maqaa wajjin dhufte, akkasumas beeksiisa
gootuu fudhatti
Fakk. mana guddaa manni guddaan
nama gaarii namni gaariin fi k.k.f.
b. Maqoonni lama walittiqabamanii walfaana yoo dhufan, maqaa
qabamaa tu beeksiisa gootuu fudhata
Fakk. mana namaa manni namaa
qaawwa balbalaa qaawwi balbalaa
kottee bineensaa kotteen bineensaa fi k.k.f.
3.1.4.2. Maqaa akka Godhamtuu
Dhaabii dubbii keessatti godhamtuun gara gurguddaa lamatti addaan baafnee
laala. Isaanis
- godhamtuu sirrii fi
- godhamtuu sirrii hin taane dha.
Godhamtuu sirrii kan jennu godhamtuu ofdanda'ee dhaabii dubbii keessa kan
jiraatu yookaan kan ifatti mul'atu jechaa dha. Gochaa gootuurraa dhufu san
sirritti fudhatee waan ta'u yookaan waan godhamu san ifatti mul'isa. Gaafii
maal tu maal ta'e? maal tu maal godhe? maal tu maal godhame? yookaanis ammoo
eenyu tu maal ta'e? ... maal godhe? kan jedhuuf deebisa sirrii kan kennu dha.
Fakk. Badhaasaan farda bite.
Gammadaan hoolaa qale.
Inni gaazexaa dubbise.
Fakkeenya kana keessa "fardi", "hoolaa" fi "gaazexaa"n godhamtuu sirrii ti.
Gochaa ta'e sana jechuun asitti "bitama", "qalama" fi "dubifama" gootuu
isaaniitirraa sirritti fudhatan.
Godhamtuu sirri hin taane dhaabii dubbii keessatti ofdanda'e hiika guutuu
hin kennu.
Dhaabii dubbii keessatti hojjaan inni agarsiisu
- waan tokkotti waa akka godhamu
- waan tokkoof waa akka godhamu
- waan tokkoon waa akka godhamu dha.
Godhamtuu sirri hin taane, kan hojjaa sadeen kanaa olii kana agarssisan
godhamtuu naanoo jedhamu.
Fakk. Badhaasaan okaa fe'e (gochama sirrii)
Badhaasaan harreetti okaa fe'e. (gochama naanoo)
Asirratti "Badhaasaan harreetti fe'e." jenne yoo dubbanne, dubbiin kun
ofdanda'e hiika guutuu hin kennu. Wanni tokko harreetti akka fe'amu hima
malee wanni fe'ame sun sirritti ifatti baye hin mul'ane. Harreen gochamni
taatuus dhaabii dubbii kana keessatti gogachamni sirrii miti. Gochamni
sirrii okaa dha yookaan "Badhaasaan harreetti fe'e" yoo jenne gachamni
sirrii harree otuu hinta'in isa waan harreetti fe'ame sana.
Hin xumuramne
Categories: Welcome To Afaan Oromoo School Online
The words you entered did not match the given text. Please try again.
Oops!
Oops, you forgot something.